Agarsiisa kennaa kanarratti komishinarri itti aanaa Komishinii Turiizimii Oromiyaa Obbo Naggaa Wadaajoo, Abbootiin Gadaa, Haadholiin Siinqee fi hawaasni naannoo argamuun gamtaadhaan wal-harkaa fuudhinsa godhaniiru.
Gamanumaan Dhaabbata Travel 251 magaalaa Bishaan Gurraachaatiif oolmaa guddaa oolee kana guddisnee galateeffachaa, dhabbatoonni birootis Travel 251 fakkeenya godhachuun industirii-turiizimii babaldhisuuf gahee keessan akka baatan affeeramtaniirtu.